Baar gama

Baargama is a podcast in Afan Oromo featuring discussions on technology, politics, socio-economy and cuture of the Oromo with an aim to bring together Oromo communities around the globe closer and to inspire a culture of giving back. Simply put, Baargama is a platform to entertain, inform and inspire.

Listen on:

  • Podbean App

Episodes

Xinsammuu

Friday May 31, 2019

Friday May 31, 2019

Keessummaa keenya qophii kanaa Leellisaa Baraa (Lelisa Bera) yeroo ta’u dhiheenya kana Yunivarsiitii UC Berkeley irraa Barumsa Psychology (Xiinsammuu) dhaan eebbifameera. Muxannoo isaa barnoota biyya ambaa fi waa'ee qo'annaa xiinsammuu isa gaafanneerra. 
https://news.berkeley.edu/2019/05/21/graduating-senior-lelisa-bera/
Credit: The introduction was taken from ABC7 News 

Saturday May 25, 2019

Qophiin kun haasaa Obbo Jootee Waaqjiraa Koorsaa waliin goone  kutaa 2ffaa fi isa xumuraati. Obbo Jooteen hundeessaa dhaabbata 'Equinox Outsourcing Services' yeroo ta’u dhaabbatuma kanatti hogganaa Damee Afriikaa Bahaa dha. Baakki hojiif jireenya isaa Keeniyaa Nairobiidha. Haasaa Daldalaan wal barra jedhuun eegalle itti fufna.

Sunday May 19, 2019

Kutaa kana keessatti Obbo Jootee Waaqjiraa Koorsaa dubbisne. Obbo Jooteen waliin hundeessaa Dhaabbata Equinox Outsourced Services jedhaamuu fi Dayrekteera Kutaa Baha Afriikaati. Haasaa obbo Jootee waliin goone keessatti kan xiyyeeffanne daldala irratti. Muurtee dhaabbata ofii dhaabuu dudduuba maaltu jira gaaffii jedhuuf deebii soqneerra. Yaadota tibbanaa biroos kaasnee mari'anneerra.

Dinagdeen kun maali?

Saturday May 11, 2019

Saturday May 11, 2019

Barbaachisummaa beekumsa dinagdee, dinagdee fi uummata Oromoo akkasumas waligaltee gabaa bilisa Afriikaa dhiheenyatti mallatteeffame irraa Itophiyaa fi uummatni Oromoo akkamitti fayyadamu danda'u dhimmoota jedhan irratti Hayyuu Ikonomiksii Dr. Addunyaa Biraanuu Olaanii waliin Baargamni haasaa godhee ture.

Ashamaa!

Wednesday Mar 20, 2019

Wednesday Mar 20, 2019

Baargamni poodkaastii Afaan Oromoo dhimmoota Dinagdee, Teknooloojii, Hawaasa, Qabeenya Umamaa fi dhimmoota kkf irratti hayyoota Oromoo baargama jiran waliin haasaan bakka itti godhamu fi dhaggeeffatoota Afaan Oromoo addunyaa mara irra jiraniif karaa toora interneetii sagantaa qaqqabu. 
 
 

Copyright 2019 All rights reserved.

Podcast Powered By Podbean

Version: 20240320